ONM-ABO Sadaasa 22, 2024
Murni qarree kufaatii irra naanna’aa jiru Bilxiginnaan uummata Oromoo ajjeesuun sodaachisee bulchuu waan danda’u itti fakkaachuun, humna waraanaa qabu hunda qe’ee Oromoo maratti bobbaasuun ajjeechaa, saamicha, hidhaa fi gubaatii manneenii hammeessuun uummata nagaatti jireenya hadheessee jira.
Godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda Meexxarrii keessatti waraanni Abiy Ahimediin bobbaafaman kaleessa Sadaasa 21, 2024 dargaggoo maqaan isaa Gammachuu Badhaanee Diidoo jedhamu qabanii hidhuun mooraa waraanaa keessatti dararaa erga turaniin booda guyyaa har’aa Sadaasa 22, 2024 ganama sa’atii 12:00 keessa mooraa waraanaa keessaa baasuun magaalaa Kombolchaa iddoo addaa Mansittii jedhamutti ajjeesanii gatuu jiraattotni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Dargaggoo Gammachuun nama nagaa siyaasa kam irraa bilisa ta’ee fi hojii dhuunfaa isaa qofa irratti xiyyeefachuun kan jiraatuu fi doqdoqqeen nama deddeebisuun hawaasa kan tajaajilu akkasumas hojii kanaan kan of jireessu ta’uu himuun, dargaggoo kana erga ajjeesanis reeffa isaa bishaanitti gatuun barameera.
Waraanni faashistii PP kun torbeedhuma kana keessa Sadaasa 19, 2024 aanaadhuma Galaanaa keessatti ilmaan Oromoo 4 ajjeesuun 2 madeessuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

