• Sat. Mar 14th, 2026

Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti loltoonni impaayerattii abbootii warraa 2 ajjeesanii gatuun bineensa nyaachisan

Nov 25, 2024

ONM-ABO Sadaasa 23, 2024 

Ujummoo qawwee isaanii namoota nagaatti naanneffachuun dararaa ulfaataa geessisaa kan oolan waraanni maafiyaan PP kutaalee Oromiyaa cufa keessaa hawaasa nagaa siyaasa kam keessa hin jirree fi quba hin qabne maqaa garaa garaa itti  maxxansuun sobaan yakkanii duguuggaa sanyii raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Dugdaa ganda Baqalee Girrisaa jedhamu keessaa  Sadaasa 16, 2024 ergamtoonni sirnichaa balleessaa tokko malee namoota maqaan isaanii Obbo Araarsoo Salbaanaa fi Obbo Beenyaa Foollee jedhaman rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii bakkeetti gatuun reeffa isaanii illee maatii dhorkachuun bineensa nyaachisanii kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoonni kunneen hojii dhuunfaa isaanii qofatti bobba’uun kan jiraatanii fi ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoof nyaata kennitan” jedhuun naasuu tokko malee iddoo addaa Meedaa Baqalee jedhamutti ajjeesuu itti dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading