ONM-ABO Sadaasa 25, 2024
Duula jabaa uummata Oromoo irratti karaalee akka hidhaa, saamicha qabeenyaa, buqqaatii fi ajjeechaa gareen faashistii adeemsiisaa jiruun uummatichi dararaa hamaa keessa galuun qe’ee isaa irratti jireenya yaaddoon guutame jiraachaa jira.
Tibba kana Zoonii Giddu-Galeessaatti gaaga’amni hamaan uummata Oromoo irratti geggeeffamaa jiru itti fufuun Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee ganda Migiraa keessatti dargaggoo Caalaa Tolasaa hidhattootni sirnichaa mana isaa keessaa qabanii reebicha ulfaataa irratti raawwachuun magaalaa Ejereetti hidhanii jiraachuun beekamee jira.
Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal-Qixxee ganda Qundee Garasuu jedhamu keessaas Araarsaa Gaashee jalaa horii 7, Hirkoo Bokii jalaa horii 1, Dheeressaa Araarsaa jalaa horii 1 yoo fudhatan, aanichuma ganda Qobboo keessaa Obbo Baqqalaa Wadaajoo jalaa mana 2 qabeenyaa mana keessaa guutuu waliin midhaan dabalatee tokko osoo hin hafin jalaa gubanii barbaadeessanii jiru.
Obbo Garramuu kan jedhamu ammoo gandichuma keessatti abbaa maatii kan ta’e haala suukkanneessaa fi gaddisiisaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bakkeetti gatanii jiru.
Ganda Qaqxoo Jijjigaa keessattis Sabboonaa Naggasaa jalaa mana 1 qabeenya mana keessaa guutuu waliin gubanii barbadeessaniiru. Girmaa Adaanaa jalaa mana 1 qabeenyaa mana keessaa guutuu waliin, Wayyeessaa Araarsaa jalaa mana 1 qabeenya mana keessaa guutuu waliin, Naggasaa ammaaf maqaa abbaa adda kan hin baane jalaas mana tokko qabeenyaa mana keessaa waliin gubanii jiru.
Ittuma fufuun, Geeraraa nama jedhamu jalaas mana 1 qabeenyaa mana guutuu walii, Urrisaa Ajjamaa jalaa horii 7, Qajeelaa Gurmeessaa jalaa horii 1, Warquu Dhugoo jalaa re’ee 3 yoo saaman, Aadde Baqqaluu Badhaasaa ammoo reebicha hamaa irratti raawwachuun harka lamaanuu cabsan, Aadde Miixxuu Bayeessaa, Aadde Amuu Malkaa, Dharraa Baayechaa fi Burtukee Gaddaffaa, kanneen jedhaman irrattis reebicha hamaa raawwatanii jiru.
Godinichuma aanaa Meettaa-Roobii ganda Suphaa Sirbaa jedhamu keessaas Amaaraa Hulluqqaa jalaa horii 5, Dabalaa Gammachuu jalaa horii 4, Tuujjoo Kallachaa jalaa horii 1 saamanii jiru.
Ganda Amuumaa Dadinoo keessaas Tasammaa Girmaa jalaa mana qorqorroo lama qabeenyaa mana keessaa waliin yoo guban, Magarsaa Abarraa jalaa horii 1, Urgaa Didhaa jalaa horii 1 saamuun namoota kanneen manaaf qabeenyaa isaaniin ala gochuun cinaatti qaama isaanii caccabsuun reebicha hamaan miidhaa jabaa irraan ga’anii jiru.
Akkasumas, godinichuma aanaa Jalduu magaalaa Bonii keessaas Sadaasa 13, 2024 nama maqaan isaa Tashoomaa Tolaa jedhamu jalaa mana isaa diiguun gara mooraa isaaniitti mukaa fi qorqorroo isaa guurrachuus jiraattonni himanii jiru.


