• Sat. Jan 10th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti reebicha hamaa ta’e raawwachuun hidhaatti darbatan

Nov 26, 2024

ONM-ABO Sadaasa 24, 2024 

Uummanni Oromoo sabni bal’aan utubaa impaayerattii ta’e murna Bilxiginnaa aangoo impaayerattii irra jiruun tirgaa siyaasa isaanii ta’uun tuffatamanii guyyuu maqaa siyaasa keenyatti buutan jedhuun sobaan yakkanii miidhaa gurguddaa keessummeessaa jira.

Akkuma guutuu Oromiyaatti taatee wal fakkaataan uummata nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufuun, Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Guddina Biyyaa irraa Sadaasa 22, 2024 jiraattota maqaan isaanii:

  1. Tasammaa Alamuu,
  2. Tamasgeen Xuurii,
  3. Suufee Bookaa,
  4. Gannatii Mootii,
  5. Yaadasaa Taaddasaa,
  6. Indaalee Dhaabaa jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an waraanni maafiyaan impaayerattii badii tokko malee harka duubatti hidhuun garaan ciibsanii reebicha qaama laalessu irratti raawwachuun konkolaataa Ooraaliitti fe’anii gara waajjira poolisii aanaa Baakkoo Tibbee geessuun hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraataan ganda Guddina Biyyaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Akka jiraataan kun himetti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa ”qabeenya WBO’tu isin bira jira” jedhuun yakkanii dararaa ulfaataa tilmaama hin qabne irraan gahuun, loon isaanii illee jalaa qalatanii nyaatanii jiraachuu dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading