• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyootti hawaasa nagaa hidhuun cimee yoo itti fufu, Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxu-Kaarraatti dargaggeessa tokko ajjeesanii gatuun himame

Nov 26, 2024

ONM-ABO Sadaasa 23, 2024 

Kutaalee impaayerattii hunda keessaa leellistoonni sirna moofaa sabboontota ilmaan Oromoo qofa akka dallaa horiitti mana hidhaatti naquun gariin lafa arganitti ajjeesanii bira kutuu hojii idilee taasifatanii jiru.

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Aannoo Mikaa’elii jedhamu keessaa Sadaasa 21, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Kadir Mohaammadii fi
  2. Huseen jedhaman waraanni sirnichaa badii tokko malee mana jireenyaa isaaniitii ukkaamsuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen jedhanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu eeruun, waraanni maafiyaa PP maqaa sakattaan bobbaafaman kunneen ammoo lolaan WBO dura dhaabbachuu dadhabuun uummata meesha maleeyyiitti deebi’anii gochoota suukkanneessoo garaa garaa irratti raawwachaa jiraachuus dubbatu.

Oduu ajjeechaan wal-qabatuun ammoo Aanaa Qilxuu-Kaarraatti waraanni goolessaan sirnichaa dargaggoo Oromoo tokko kan yeroof maqaa fi bakki dhaloota isaa adda hin banee tokko Sadaasa 18, 2024 magaalaa Qilxuu-Kaarraa keessatti ajjeesanii konkolaataa paatirooliitti fe’uun bakka addaa Miishinii jedhamutti geessanii gatuu jiraattonni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni ijaan argan himanitti, dargaggeessi kun gabaabaa furdaa bifti isaa magaala ta’uu himuun, reeffi isaa illee hanga guyyaa gabaasni kun Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabeetti bakka isaan itti gatanii deeman sana jiraachuu dubbatu.

Gareen waraana akka feetee Koloneel Abiy Ahimed Kibxata darbe aanaa Anfilloo ganda Yattii Yaadannoo keessatti jiraataa magaalaa Muggii kan ta’e Obbo Faxxanee Bushuraa nama jedhamu buna funaannachuuf garas deemee rasaasa lamaan rukutanii turan yaala olaanaaf gara Hospitaala Dambii Doollootti darbuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading