ONM-ABO Sadaasa 24, 2024
Murni afaan qawweetiin uummata Oromoo hacuucee bulchuuf dhama’u Bilxiginnaan, bututtuu impaayera Itiyoophiyaa jiguuf raafamarra jirtu baraaruuf jecha loltoota isaa safuu fi safeeffannaa hawaasaa tokkollee hin beekne hawaasa nagaatti bobbaasuun miidhaa garaa garaa qaqqabsiisaa jira.
Sadaasa 22, 2024 waraanni Bilxiginnaa aanaa Sayyoo ganda Guutee Soyyomaa bakka addaa Shanqatee jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Dhugumaa Shaafaa,
- Tasfaayee Jaallataa fi
- Shaandoo Alamaayyoo jedhaman jalaa mana jireenyaa isaanii qabeenya hunda waliin ibidda itti shiduun jalaa barbadeessanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattotni himanitti, namoonni qe’ee fi qabeenyi isaanii waraana faashistii Bilxiginnaan jalaa gubate kunneen siyaasa garee kamii irraayyuu walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkanii jiraachuu fi akka aanichaatti gochi farra namoomaa hawaasa nagaa irratti raawwatamaa jiru daran jabaatee jiraachuu dubbataniiru.


