• Thu. Mar 19th, 2026

Kaaba Shaggar Aanaa Dharraatti hawaasa nagaa hidhaatti darbachuun cimee itti fufe

Nov 26, 2024

ONM-ABO Sadaasa 24, 2024 

Goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa sabboontota ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkanii akka bineensaatti adamsuun jumlaan hidhaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Dharraa ganda Bayyoo Noonnoo keessaa ergamtoonni sirnichaa Sadaasa 21 fi 22, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Arabuu Shifaaw abbaa isaa
  2. Obbo Shifaaw Dammaqee waliin, 
  3. Abdalmannaan Hasan abbaa isaa 
  4. Obbo Hasan Sayid waliin,
  5. Jamaal Abduu,
  6. Muhee Ayyaaleew,
  7. Mohaammad Amiin, 
  8. Ahimed Sheek Muusaa,
  9. Ajjibeew Asheetuu kanneen jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa garuu sababuma Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhanii dararaa jiraachuu fi yeroo ammaa kanas sarbamiinsi mirga namoomaa aanicha keessatti murnoota lamaan uummata Oromoo irratti raawwataa jirus daran jabaatee itti fufee jiraachuu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading