• Wed. Jan 7th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjoo irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate

Nov 27, 2024

ONM-ABO Sadaasa 25, 2024 

Duula Waraana Bilisummaa Oromoo WBO balleessuuf guyyuu murni Bilxiginnaa waraana kuma dhibbootaan leenjisee Oromiyaatti bobbaasu abjuu mul’atni isaa dukkanaa’e kan itti ta’e loltoonni sirnichaa guyyuu mooricha keessaa miliquun WBO’tti dabalamuu cimsanii itti fufaniiru.

Sadaasa 24, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Hundee Guddinaa mooraa gandichaa irraa  miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee fi hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennatee jira.

Gama meeshaatiinis qawwee AKM 1, rasaasa 150 fi gumbii 3 baasuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof kan oolche ogguu ta’u, osoon  hin beekinis ta’e dogonggoraan miidhaan hawaasa koo irraan ga’eefis gamanumaan dhiifama gaafachuun fedha jechuunis yaada isaa ONM’f ibseera.

Ajaja sakattaa WBO fudhatanii kan bobbaafaman loltoonni faashistii PP haleellaa uummata Oromoo irratti taasisuun namoota nagaa ajjeesanii waraana ajjeesne jechuun akka gabaafatanis kan dubbatu loltuun mooraa sirnichaa keessaa bahe kun, hojiilee waraanni faashistii PP fi kaadiroonni sirnichaa saba Oromoo irratti taasisan hadheeffatee dubbata.

Dabalataanis loltoonni sabaan Oromoo taatan kamuu maadhee diinaa taatanii saba keessan irratti daba seenaa fi seeraa raawwachuu irra gaachanaa fi irree uummatichaa kan ta’e gara WBO’tti yeroon kottaa dabalamaa balballi WBO banaadhaa jechuunis dhaamsa isaa dabarseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading