ONM-ABO Sadaasa 25, 2024
Tiksitoonni sirna moofaa waraanni Koloneel Abiy Ahimed ilmaan Oromoo akka dararaniif kanneen bobbaafaman keessaa sabboontonni ilmaan Oromoo quuqamaa fi aantummaa saba isaanii qaban akkasumas qabsoon bilisummaa Oromoo kan keenya jechuun kan amanan goleewwan Oromiyaa cufa keessaa guyyaa guyyaan obboloota isaanii kan ta’an “Waraana Bilisummaa Oromootti” harka kennachaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessaa miseensi milishaa PP tokko gooticha WBO’tti harka kennachuun baramee jira.
Aanaa Saasiggaa bulchiinsa magaalaa Gaalloo irraa Sadaasa 22, 2024 milishaan Bilxiginnaa tokko qawwee AKM dachaatuu tokko qabachuun mooraa waraana Bilxiginnaa ganee gooticha WBO bira nagaan qaqqabee jira.
Miseensi milishaa Bilxiginnaa duraanii kunis, simannaa WBO’n isaaf taasisetti gammaduun hiriyoota isaa mooraa diinaatti hafaniin illee dafaa akka kiyya qawwee keessan qabadhaa gara qabsoo saba keessaniitti makamaa jechuun dhaameefii jira.

