• Sat. Mar 14th, 2026

Oromoon Saba: Tokkoon Keenna Qalamuun Hundumtii Keennayyuu Qalamuudha

Nov 28, 2024

Dooyaa Gulaalaa Bakkalcha Oromiyaa Lakk. 5

Seenaa impaayera gidiraatii fi gaddaa-gadadoo keessatti qaama Oromoo ciranii qilletti darbachuun Oromoo Walloo irraa jalqaban. Shiftaan maqaa Tewudiroosiin beekkamu bakka Naqa-dallaa jedhumutti ilmaan Oromoo Walloo kaan jiraa kaan du’aa dhagna irraa qeleenxi’ee hallayyati darbataa turuu seenaa dhugaa ragaa dhaabbata. Bara 1886 namtichi aabba-guddaa Menelik, Raas Daargeen gocha cubbamaa fi gidiramaa Tewudiroos Naqa-Dallaa irratti raawwate irra deebi’ee Arsii Aanolerratti raawwate; Aanole irratti dubartii Oromoo harma muran, dhiira Oromoo kaan harka muran kan hafe dhaluu kolaasan. Akka asii olitti tuttuquu yaalle, mootummoota dhufaa-lufaa jalatti dhala-Oromoo qaama ciruu fi hujii bineensummaa irratti raawwatuun aadaa siyaasaa impaayera shorarkeessaa tawullee bara Faannoo maqaa Biltsiginnaatiin uf-waamuu timjii darbaadha. 

Bara Menelik irraa jalqabee gochaan cubbamaa fi biibbessaan Oromoo akka beeyladaatti ciibsanii qaluu fi qaama ciruu Faannoo Masaraa kiloo 4 keessatti golgateen raawwatamuu eegale. Shiftootaa fi Faannowwan gita bittuu Amaaraa handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti masaraa ijaaratanii hujii abaaramaa kana raawwata turan; ardhallee itti jiru. Gocha suukaneessaa baroota jahan darban  ilmaan Oromoo jumlaa fi dhuumfaan irratti raawwatamamaa baye abbaa itti barbaaduuf Oromoon fagoo deemuu hin qabu; Oromoon Faannoo gola isaa keessa jiru dhiisee Faannoo raasaa fi daggala Goojjamii fi Goondar jiru soquu gaara bawuu fi laga qaaamuruu hin qabu. Abbaan Faannoo ijaaree leenjisee hidhachiisee ilmaan Oromoo irratti bobbaasee, qalee qalchiisu Masaraa kiloo 4 keessatti dahatee jira. Gaaffiin Faannoo yakka abaaramaa kana hojjatu eennu kan jedhu osoo hin tayin tokkummaa fi garaagarummaan Faannoo kiiloo 4 jiruu fi Faannoon raasaa Goojjam jiru maali kan jedhu taya. 

Tokkummaa fi Garaagarummaa Faannowwan Jidduu Jiru  

Faannoon raasaa fi daggala Goojjamii fi Goondor jiruu fi Faannoon Kiiloo 4 jiru lamaanuu kaayyoo takka galmaan gawuuf hojjatan. Lamaanuu, lamas tayanii tokkos tayanii ol’aantummaa gita-bittuu Amaaraa jalatti Itoophiyaa Oromoo-nyaattuu dullattii daabisuudha. Sagantaan waloo Faannoowanii saba Oromoo duguuguu, sabboonummaa Oromummaa fi Oromiyaa diiguudha. Gochaan yakkamaan waggoota shanan dabran saba Oromoo irratti raawwatanii fi raawwataa jiran ragaa qabatamaadha. Lamaanuu talaantalaataan ykn faraqaan ummata Oromoo fi ABO-WBO waraanaa jiru. Lamaanuu Oromiyaa diiganii kaartaa irraa haquu fi impaayera Oromoo nyaatee jiraatu gamtaan boollaa baasuudha. Jecha biraatiin Faannoon daggalaa fi raasaa fagoo jiruu fi Kiiloo 4ti maandheffate hariiroo abbaa-ilmaa ykn hangafaa fi quxisuu qabu. Lamaanuu gudeedaa fi gadaamessaa ilaalcha Itoophiyaa dullattii keessaa dhalatan. Faannooleen lamaanuu abbaa fi akaakoo tokko qabu; lamaanuu Menelikiin dhaadatuu bira lufanii faaggaa ykn holograamii tolchanii ekeraa Menelikii nutti dubbisu. Faannoon goda jiru amaara ijaaree Itoophiyaa yaabbachuuf imalaa jira; Faannoon Kiiloo 4 jiru ammoo gantootaa fi madaqoolee impaayeraa walitti dhandhoonee Itoophiyaa Nugusa Faannoo Biltsiginnaa ijaaruuf daafuraa jira. Lamaanuu gamaa gamanaan yaabbatanii kooraa gidiraa fi cubbuu irratti walgawuuf dunquqqaawu.  Gabaabamatti tokkummaan Faannoolee lamaanii kanneen armaa olitti tarreessine yoo tawu garaagarummaan isaanii hoo maali?

  1. Fincila Diddaa Gabrummaa Barattoota Oromoo Gara Fincila Waliigalaatti Ceesisuu

Fincilli diddaa gabrummaa tibbana universitoota adda addaa keessatti barattoota Oromootiin geggeeffame boonsaa fi abdachiisaadha. Fincila kana garuu mootummaan Faannoo Kiiloo 4 akkuma aadaa isaa butee kallattii isaa jijjiiruuf mannaagaa jira. Fincilli kun akka Faannoo raasaa Goojjam jiruu fi ABO-WBO qofaa balaaleffatuu dhiibaa jiraachuu isaa hubachuun gamnummaa siyaasaa hin gaafatu. Hiriirri barattoota Oromoo Faannoo hagafarratti xiyyeeffatuu qaba. Akkuma armaa olitti babbay’suu yaallee abbaan Faannoo Godaa jiru dhalee dhalche Faannoo Biltsiginnaa tawwuu rogaan hubachuu feesisa. Hiriirri barattoota Oromoo Faannoo Kiiloo 4 jiruu fi raasaa fagoo jiru walfaanaa buqqisuu irratti fuulleffatuu qaba. Biyya san keessatti hiriiraa fi mormiin garee PP irraa hayyama hin qabne akka hin godhamnee fi hiriira kana kallattii jijjiiree qara doomsuuf akka PP duubaan hojjataa jiru hubachuuf gamnummaa addaa hin gaafatu. 

Hiriira barattoota Oromootiin jalqabame kana Oromoon hundumtuu akka sabaatti irratti hirmaachuu fi gara fincila xumura gabrummaatti jijjiiruun gaaffi jireennaa fi dhabamaa tawuu gagi-fageennaan hubachuu feesisa; Oromoon akka sabaatti dachaa darabeen xiiqeffatee, marxifatee ka’uun dirqama sabummaa Oromooti. Dhaadannoo: «Nu Oromoon saba: Tokkoon Keenna Qalamuun Hundumti Keennayyuu Qalamuudha,» jedhu hordofuun waliif birmachuun akka sabaatti jiraachuu fi gocha suukaneessaa fi ajjeechaa ufirraa qolachuuf murteessaadha.

  1. Oromoota Gochaan Suukaneessaa Irratti Raawwatame Gargaarsaan Dhaqqabuu fi Hadhaadhiyyuu 

Yoo gochi suukaneessaa fi abaaramaan akkanaa lammii saba Oromoo naannoo tokko irratti raawwatamu akka hunduma keennaa irratti raawwatetti hadheeffannee itti birmachuu fi gargaarsaan dhaqqabuun dirqama sabummaati. Saba jechuun baldhoo fi rakkoo keessatti waliin jiraachuu fi waliif dirmachuudha. Ummanni hadoodee rakkoo fi gidiraa keessatti caldhisee wal ilaalu saba jechuun nama dhiba. Oromoon akka sabaatti jiraachuuf akka sabaatti socho’uu fi hojjachuu qaba. Tokko nu keessaa qaluun suuta suuta hunduma keennaa qaluu tawuu hubannee waan qabnuun ummata keennaa kan Oromoo Salaalee yk Dharraatti birmachuu qabna.

  1. Hennaa Oromoonni Quuqama Saba Keessanii Qabdan Gara Mooraa Bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaatti Godaantan Gayee Jira

Yeroon ilmaan Oromoo hadoochuu saba keessanii qabdan mooraa garee PPtii fi mootummaa isaa keessaa gara mooraa Bilisummaa Oromootii fi ABO-WBOti godaantan irraan guutee dhangala’ee jira. Ammaa achi hanga tokko tokkoon qalamtanii fi ajjeefamtan eeguun isin irra hinjiru. Tarkaanfii kun saba keessan dandamachiisuu qofaa osoo hin tayin ufillee jiraachisuu tawuu hubachuu qabdan. Kanaafuu Oromoonni caasaa paartii PP, caasaa mootummaa cubbamaa kana keessa jirtan, keessattuu Oromoonni Raayyaa Ittisa Faannoo Biltsiginnaa keessa jirtan hidhannoo fi qabeenna isin harka jiru fudhattaanii gara gaachaanaa fi Kallacha ummata Oromoo ABO-WBOti godaantan boruu miti, amma jenna. 

  1. Ammallee Akka Sabaatti Dammaquu, Ijaaramuu, Hidhachuu fi Uf-Ittisuu

Akka seenaan bilisummaa sabaatii fi walabummaa biyyaa ragaa bawutti ummanni hin dammaqin, hin ijaaramin, hin hidhatin bilisoomuu fi walaboomuun hafee u-ittisuu hin dandawu. Ummanni jaarmayaa cimaa hin qabne humna hin qabu. Ummanni humna hin qabne akka sabaatti jiraachuu fi uf-ittisuu hin dandawu. Sababiin ardha gadi-galoon madaala kamiinuu oromoo gadii Oromoo boochisaa ooltuuf kanuma.  Kanaafuu haala suukaneessaa fi gocha gidiraa kana faallessuuf Oromoon akka sabaatti biyya keessaa fi alatti ijaaramee tokkummaan uf-ittisuu qaba; kun ammoo jaarmayootaa fi waldayoota ummata Oromoo kanneen jiran jabeessuu fi kanneen hin jirre balasaa sabbooqaan ijaaruu gaafata. Biyyootaa fi bakkoota jirrutti ambaasaaddara ykn sagalee saba Oromoo taanee gochaa fi yakka suukaneessaa kana saaxiluu nurraa eeggama. 

Oromoon akka sabaatti dhugaa walitti himuu qaba. Fincilli diddaa gabrummaa yoo kaayyoon, tarsimoo fi jaarmayaan hin hogganamin humnoota farra-warraaqsaatiin butamuu ykn fashaluu mala. Dhugaa hadhooftuu tana warraaqsa Qeerroo fi Qarree Oromoo irraa barachuu qabna. Kanaafuu, ABO-WBO jabeessuu walfaanaa jaarmaya kallattii ummataa biyya keessaa fi alatti ijaaruun hujii ariifachiisaa tawuu qaba. Waahundaa olitti ummanni Oromoo akka saba tokkootti hiree takkaa fi biyya takkaa ijaarachuuf gamtaan  warraaquun gaaffii jireennaa fi dhabamaa tawuu hubachuu fi fardeeffachuun dirqama sabummaa kan yeroon gaafattu jenna

Oromoon Saba: Tokkoon Keenna Tuqamuun Hundumti Keennaa Tuqamuudha, Hundumti Keenna Tuqamuun Tokko Tokkoon Keenna Tuqamuudha!

Gochi Gidiramaa fi Cubbamaan Imala Qabsoo Abbaa Biyyummaa Oromoo Gufachiisuu Hin dandawu

Injifannoon Ummata Oromoof!

With the pen – Jaal Karoorsa Bosonaa and Jaal Jemal Bedada

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading