ONM-ABO Sadaasa 26, 2024
Gidiraa hamtuu bara jireenya isaa guutuu keessa argee hin beekne bara bulchiinsa murna Bilxiginnaa keessa keessummeessaa kan jiru uummanni Oromoo, hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin namoonni nagaan ajjeefamuu, hidhamuu fi saamamuu irra darbanii qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqifamuun jireenya gadadoo keessatti akka kufan taasifamaniiru.
Haaluma kanaan milishoonni sirnichaa nageenya hawaasaa akka booressaniif murna Bilxiginnaan bobbaafaman Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Dullaa jedhamu irraa Sadaasa 22, 2024 abbootii warraa 10 ol ta’an maqaa WBO nyaachiftuu fi daandii agarsiiftu jedhamuun qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqifamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa dubbatu.
Akka jiraattotni gandichaa dubbisne jedhanitti, milishoonni sirnichaa mana barumsaa ganda Dullaa keessa buufatanii jiran kun abbootii warraa kanaan qe’een keessan bosonatti dhiyaata, WBO nyaachiftuu fi nutti fiduu dandeessu maqaa jedhuun kan buqqisan ta’uu himan.
Yeroo abbootiin warraa kun nuti manaa fi qabeenyaa keenya irraa ijoollee qabnee eessa dhaqna jedhanii milishoota sirnichaa gaafatanitti, milishoonni PP kunneen deemaa isiniin jenneerra yoo qe’ee keessan kana gadhiisuu dhabdan WBO waliin walitti dhufeenya qabdu, tarkaanfii isin irratti fudhatamu walumaan argina ittiin jechuun sodaachisanii qe’ee akka gadhiisan taasisan. Namoonni kunneenis yeroo ammaa mana isaanii irraa ari’amuun iddoo addaa Allaala jedhamutti godaananii jiraachuu dabaluun ibsaniiru.
Milishoonni Bilxiginnaa mana barumsaa ganda Dullaa keessa buufachuun jiraattota hedduu qe’ee irraa buqqisan kun yeroo ammaa aanicha keessatti dhiittaa mirgoota namoomaa adda addaa hawaasa nagaa irratti raawwachaa kan jiran ta’uun himameera.
