• Tue. Jan 13th, 2026

Poolisiin mormii hanqina boba’aa Maalaawii keessatti itti fufee jiru bittimsuuf gaazii imimmaanessu fayyadame

Nov 30, 2024

ONM-ABO Sadaasa 26, 2024 

Poolisiin magaalaa Lilogiwe guyyaa Wiixata kaleessaa hanqina boba’aa naannolee adda addaa keessatti mul’ate ji’a tokkoof Maalaawii akka malee miidhee jiruun mormitootni ministeerri anniisaa aangoo akka gadhiisu gaafatan bittimsuuf gaazii imimmaan nama boochisu fayyadameera.

Mormitoonni ganama barii daandii irratti bahuun dhaadannoo farra mootummaa dhageessisaa fi barjaa mirmirsuun hanqina boba’aa mudateef aarii qaban ibsaniiru.

Haa ta’u malee sa’aatii tokko hin guunne keessatti poolisoonni Giddugala Hawaasa Lilongiwe kan wiirtuu magaalaa guddoo biyyattii keessa jiru gahuun gaazii imimmaanessu fayyadamuun mormitoota bittimsan.

Hanga ammaatti namni lubbuun darbees ta’e to’annoo jala oole hin jiru.

Gaaffiin mormitootaa inni guddaan Ministirri anniisaa fi Albuudaa Ibraahim Matoolaa fi Hojii gaggeessaan olaanaa Abbaa Taayitaa Dambii annisaa Maalaawii Heenrii Kachajee haala jiru furuu dhabuu isaaniitiin aangoo akka gadhiisan ture.

Mormii mormuuf mirga seeraa guutuu qabna; Tattaaffii keenya gufachiisuuf yaaliin godhamu kamiyyuu seeraan alaadha,” jechuun Namiwaan kan himan”Kun hiriira nagaa ti, akkasumas jeequmsa malee itti fufuuf kutannee jirra jedhan.

 Gara ji’a tokkoof biyyattii hanqinni boba’aa hamaan mudachaa kan ture yoo ta’u, kunis tajaajiloota barbaachisoo kanneen akka geejjibaa ummataa fi hospitaalota, maddisiisni humnaa boba’aa irratti hirkate laamshessee, mufannaa namootaa hammeesseera jechuun BBC’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading