• Thu. Oct 8th, 2026

Kutaan Sudaan kan hongeen miidhamte Zamzam ‘ji’oota hedduu’ keessatti konkolaataa gargaarsaa jalqabaa argatte

Dec 1, 2024

ONM-ABO Sadaasa 27, 2024 

Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) Kibxata kaleessaa akka jedhetti konkolaattonni isaa Jimaata darbe mooraa Zamzam Kaaba Daarfuur hongeen keessatti mirkanaa’e ga’uun yeroo dheeraa booda kan jalqabaa ta’uu ibseera.

Dubbi himtuun dhaabbata nyaata Mootummoota Gamtoomanii Leni Kinzili ibsa gaazexeessitootaaf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jenevaatti kennaniin, “Kun meeshaalee nyaataa WFP ji’oota hedduu keessatti gara mooraa kanaatti geejjibsiisuu kan dandeenye isa jalqabaa yoo ta’u, gargaarsa nyaataa hatattamaa namoota 12,500f geejjibsiisudha,” jedhan.

Hangi gargaarsaa namoota waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu xiqqoo yoo ta’u, konkolaattonni fe’umsaa kun namoota Zamzam keessa jiran kanneen ji’oota dheeraaf gargaarsa irraa addaan citaniif ofuma isaaniitiin beela waliin wal’aansoo qabaniif abdii geessisaa jiruudha,” jedhan Kinziliin.  .

Konkolaattonni fe’umsaa gargaarsa nyaataa WFP fe’an 700 ol yeroo ammaa gara hawaasa guutuu Sudaan karaa irra akka jiran hubachiifteetti.

“Walumaagalatti konkolaattonni fe’umsaa kunneen gargaarsa nyaataa gara toonii 17,500 kan fe’an yoo ta’u, kunis ji’a tokkoof namoota miiliyoona 1.5 nyaachisuuf gahaadha.”

Qaamoleen waldhabdee kana keessatti hirmaatan hundi, milishoonni fi gareewwan ykn gosoonni hidhatan hundi, konkolaattonni kun nagaan akka darban hayyamuun, barbaachisummaa nageenyaan darbuu fi danqaa tokko malee dhaqqabuun Zamzam keessatti hongee dhaabuu fi naannoo birootti akka hin babal’anne gochuun akka danda’amu ibsiteetti jechuun Doochii Waleen gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading