• Fri. Mar 13th, 2026

Godinaalee Oromiyaa cufa keessaa waraanni maafiyaan PP ilmaan Oromoo gara leenjii waraanaatti guuruu cimsee itti fufe

Dec 2, 2024

ONM-ABO Sadaasa 28, 2024 

Murnoonni Bilxiginnaa dhiiga ilmaan Oromoon gara aangootti ba’uun afaaniin hawaasa sobaa, faallaa kanaa immoo gochoota suukkaneessoo tilmaama hin qabne guyyaa guyyaan raawwachaa kan jiran yoo ta’u, godinaalee Oromiyaa cufa keessaa dargaggoota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, ergamtoonni PP godina Jimmaa aanaalee adda addaa irraa dargaggoota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruun kanneen hedduu ta’an irraa immoo qarshii matta’aa gaafataa kan jiranii fi kan qarshii kaffaluu hin dandeenye ammoo kallattiidhumaan gara leenjii waraanaatti fe’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.

kana malees godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamii gandoota hunda irraa ergamtoonni sirnichaa Sadaasa 23, 2024 uummata hojii idilee isaa hojjetee jiraatu jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, ganda Giraayii Somboo irraa nama 113, ganda Giraayii Biishaa irraa nama 73, ganda Afteer irraa nama 35 olii fi gandoota biroo irraas jiraattota dirqamaan reebicha ulfaataa irraan gahuun “humna waraanaa taatu” jedhanii utuu uummanni fi maatiin ijoollee harka qalleeyyii ta’anii duukaa fiiganii iyyanii fe’anii deemuu jiraattonni nuti dubbisne ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading