ONM-ABO Sadaasa 28, 2024
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii fi onoota kanneen birootti ajjeechaan lammiilee nagaa irratti tibbana raawwatamaa jiru egeree sabichaatti yaaddoo uumee jira.
Sadaasa 27, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Lophiitti dargaggoota lama kan maqaan isaanii Raashidoo Hiisaa fi Mubaarik Sheek Yesuuf namoota jedhaman qabuun balbala maatii isaanii duratti ganama obboroon ajjeesanii gatuun barameera.
Jiraataan ollaa dargaggoota ajjeefamanii tokko nageenya isaatiif jecha maqaan isaa akka hin eeramne fedhu tokko akka dubbatetti, waraanni mirga ajjeesuu koloneel Abiy Ahimed irraa fudhatanii bobbaafaman gaaffii seeraa tokko malees gara jabinaan ajjeesanii deemuu ibseera.
Ona Begii keessatti sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo yaaddoo Bilxiginnaatti uumee kan jiru jiraattonni nagaan ba’anii galuun itti ulfaachuun saamichi adda addaa, hidhaa fi gubaatiin manneenii daranuu cimee itti fufee jiraachuu ONM ifoomseera.

