ONM-ABO Sadaasa 29, 2024
Impaayera dinagdeen ishee gama maraan duufe tiksuuf kan bobbaafaman loltoonni Bilxiginnaa, saamicha irratti xiyyeeffachuun qe’ee fi qabeenya uummata Oromoo golgoleessanii harka qullaatti hambisuun beelaa fi dheebuu hamaaf saaxilaa jiru.
- Aanaa Guduruu ganda Biqiltuu Fayinee jedhamu irraa Sadaasa 25, 2024 loltoonni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:
Gaddafaa Fufaa jalaa loon 19 akkasumas, - Habtaamuu Warquu jalaas loon 13 saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni loltoota sirnichaan saamaman kunneen badii tokko malee sababa Oromumummaa isaanii qofaaf saamamanii jiraachuu fi tibba kana akkuma godinichaatti yakkoonni farra namoomaa garaa garaa ergamtoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatu akkaan cimee itti fufee jiraachuun ibsameera.

