• Fri. Mar 13th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

Dec 8, 2024

ONM-ABO Muddee 2, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n hacuuccaa fi saamicha bifa kamuu saba Oromoo irraa kaasee Oromiyaa walaboomte ijaaruuf tarkaanfii guggubduu diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatu Oromiyaa bakkoota garaagaraatti jabeessee itti fufeera.

Bifuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa iddoo addaa Adaaloo jedhamutti ganama har’aa Muddee 2, 2024 barii barraaqa sa’aatii 12:00 irraa eegaluun lola Cibraan Hasan Gulee ergamtoota maafiyaa PP waliin taasiseen loltoota sirnichaa 6 ol ajjeesuun madoo hedduun adabee hospitaala magaalaa Kamisee seensisuun barameera.

Tarkaanfii laalessaa warqiileen Zoonii Kaabaa Cibraan Hasan Gulee loltoota murna Bilxiginnaa irratti fudhateenis humni faashistii PP kun baaragdee bittinaa’uun humna dabalataa birmannaa fi magaalaa Kamisee irraa yaammatanii qe’ee hawaasaa keessatti ol deebi’uun bifa haaloo ba’annaatiin qe’ee maatii qabsaa’otaa gubaa turuun himameera.

Dararaan bilxiginnaan uummata Oromoo irratti raawwatamu kamuu afaan qawwee WBO qofaan kan furamu❗️

Injifannoon Uummata Oromoof ‼️

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading