ONM-ABO Muddee 9, 2024
Baha Wallaggaa aanaa Waamaa Hagaloo ganda Goossanii Baabboo keessaa loltoonni Koloneel Abiy Ahimed Muddee 4, 2024 jiraattota maqaan isaanii:
- Dabalaa Baqqalaa,
- Mitikkuu Dooyyoo,
- Habtaamuu Tasgaraa,
- Habtaamuu Shaanqoo,
- Gammachuu Oljirraa,
- Tamasgeen Saddeetaa fi
- Qinaaxxii Caalii jedhaman badii tokko malee bulchaa gandichaa kan ta’e namni maqaan isaa Tasfaayee Bantii jedhamu guyyaa kana ganama obboroo sa’a 12:00’tti milishoota waliin ta’uun gara mana jireenyaa isaanii deemuun ukkaamsanii hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Kana malees godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa iddoo addaa Boolloo jedhamu keessaa Muddee 5, 2024 haadha ijoollee 5 kan taate dubartii maqaan ishee Warqee Tarrafaa jedhamtu sababa tokko malee hidhaatti yoo darbatan, Obbo Eebbisaa Taaffasaa kan jedhamu jalaa ammoo mana Jireenyaa qabeenya hunda waliin ibidda itti shiduun barbadeessanii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Aanaa Guutoo Giddaa magaalaa Horroo Alaltuu jedhamu keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa kan isaan maatii barattootaa saaman hanqannaan, yeroo ammaa kana ammoo maqaa gosa kaffaltii garaa garaa itti dhahuun barattoota irraa qarshii guuraa kan jiran ta’uu maddeen magaalaa Horroo Alaltuu irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Haaluma kanaanis barataa tokko irraa:
- Kaffaltii Boondii qarshii 100,
- Kaffaltii Ispoortii qarshii 50,
- Kaffaltii Fannoo Diimaa qarshii 50 fi
- Kaffaltii Buusaa Gonofaa jechuun qarshii 100 dirqamaan guuraa kan jiranii fi barataan yeroon kaffalee ofirraa hin xumurre daree seenee barachuu fi qormaata irra taa’uu hin danda’u jechuun doorsisaa jiraachuu maddeen himan.
Itti fufuunis hanga Muddee 10, 2024’tti namni kaffalee hin xumurre dachaa kaffala jechuun akeekkachiisaa jiraachuu fi jiraattonni kaffaltii jedhame hunda yeroon ofirraa kaffaluu dadhaban ammoo yeroof ammuma qaban kaffaluun, kan hafu ammoo yeroo jedhame kanaa asitti kaffaluun nagahee isaanii akka fudhataniif akeekkachiifamaa kan jiran ta’uun ibsameera.
Oduudhuma saamichaan wal qabatuun ammoo godinuma Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti impaayerrattiin dinagdeen zeeroo ta’uu dhaabbiileen biyyoota adda addaa ibsaa turaniin, galii guddifachuuf waan cufa irratti gibira buusuun funaanaa kan jiran yoo ta’u, tibba kana aanichatti gatii mana jiraattotaatti qarshii 1500 gaafachuun dirqamaan akka kaffalan taasisaa akka jiran beekameera.
Akka jiraattonni godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa ONM’tti himanitti, hawaasni baadiyyaa fi magaalicha keessa jiraatan deggertoota paartii Badhaadhinaa ta’uudhaa baannaan shakkii hojiilee farra paartii keenyaa hojjechaa jirta jedhuun manneen hidhaatti darbatamuun qarshii 30,000 kaasee hanga 50,000’tti gaafatamuun kaffalanii ba’u, yoo qarshii dhaban wagggoottaniif hidhamuun isaan mudachaa akka jirus itti dabaluun ibsaniiru.

