• Fri. Mar 13th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa keessatti diina du’aaf madoon adabuu beeksise

Dec 10, 2024

ONM-ABO Muddee 6, 2024

Murni bilxiginnaa akka waan Waraanni Bilisummaa Oromoo galeetti uummata goyyomsuuf gantootaaf hidhamtoota siyaasaan diraamaa hojjechuun holola osoo afarsuu WBO’n tarkaanfii laalessaa mooraa diinaa irratti fudhachuun gootummaa isaa mirkaneessaa jira.

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa diina uummata nagaa hiraarsaa turte halkan edaa jechuun Muddee 5, 2024 aanaa Sirkaa ganda Mittaana Gaadoo keessatti mooraa waraanaa bilxigginnaatti marsuun halellaa taasiseen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Tarkaanfii kanaanis humna diinaa irraa 10 ajjeesee 15 madoon adabuun kan gadi hafte mooricha keessaa baqachiisee mana uummataatti galchuun injiffaannoo boonsaa galmeesee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading