ONM-ABO Muddee 10, 2024
Ajaja Abiy Ahimediin itti kenname hordofuun ergamtoonni Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufa keessaa lammiilee nagaa irratti saamicha daangaa darbe raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Baha Shaggar aanaalee adda addaa keessatti ergamtoonni maafiyaan impaayerattii saamicha daangaa darbe maqaa gosa kaffaltii garaa garaan raawwachuu ittuma fufuun, yeroo ammaa kanas aanaa Dugdaa gandoota hundaa keessaa maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun nama tokko irraa gadaanaan qarshii 5000, ol-aanaan ammoo hanga qarshii 40,000’tti naga’ee tokko malee afaan qawwee itti qabuun saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees aanicha keessatti maqaa deggersa jedhuun midhaan ardaba lama lama jiraattota irraa guurrachaa kan jiranii fi wayita hawaasni baadiyyaa oomisha isaa gara magaalaa geeffatus daandii gubbaa dhaabbachuun saamicha ulfaataa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, sababa kanaanis hawaasni rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.






