ONM-ABO Muddee 11, 2024
“Hayaat Taayrir al-Sham” fi gareewwan hidhatan biroo kanneen Bashar al-Assad aangoo Siiriyaa irraa haxaa’an lammiilee Sooriyaaf “ergaa gaarii” erganiiru jechuun ergamaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Siiriyaa Kibxata kaleessaa ibseera.
“Hanga ammaatti dhugaan jiru HTS fi gareewwan hidhatan biroon uummata Sooriyaaf ergaa gaarii dabarsaa turan. Ergaa tokkummaa, kan hunda hammate ergaa turaniiru,” jechuun Geer Pedersen Jenevaatti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbataniiru.
Ergamaan UN Pedersen maqaa shororkeessummaa HTS xiqqeessee kan mul’isee yoo ta’u, al-Asaad aangoo irraa ari’amuu booda qophiin ce’umsaa hanga danda’ametti hunda hammate ta’uun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
“Murteen sun (kan HTS dura ture garee shororkeessummaa labsuu) erga fudhatamee waggaa sagal ta’eera,” jedhan.
Pedersen baqattoota hedduu waggoota 13 darban keessatti Siiriyaa baqatan gara biyyaatti deebisuu akka jalqaban waamicha akka hin godhamne akeekkachiisuun, haalli kun “dhangala’aa” ta’ee akka jiru cimsanii ibsuun, kaaba bahaatti waldhabdeen itti fufee jiraachuu fi weerarri Israa’el mul’achuun ibsameera.
Israa’el sochii waraanaa fi boombii Siiriyaa keessaa akka dhaabdu gaafataniiru. ”Sochii fi boombii Israa’el dachee Sooriyaa irratti raawwattu arguu itti fufnee jirra. Kun dhaabbachuu qaba. Kun garmalee barbaachisaa dha” jechuu Ergamaa UN miidiyaaleen Baha Giddu Galeessaa ibsaniiru.





