ONM-ABO Muddee 11, 2024
Mootummaan abbaa irree PP afaaniin “biyya bulchaan jira” ofiin jedhu hawaasa nagaatti humna waraanaa qabu hunda bobbaasee rasaasaan ficcisiisaa kan jiru yoo ta’u, godina Arsii Bahaa aanaa Jajuutti waraanni bilxiginnaa dargaggoo tokko rasaasa itti roobsuun ajjeessanii gatuun ibsameera.
Mudde 6, 2024 aanaa Jajuu ganda Guree jedhamu keessatti loltoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofa eeggachuuf bobba’an dargaggoo maqaan isaa Amaan Sulxaan jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf mana jireenyaa isaa keessaa gadi baasanii ajjeesuun karaa gubbaatti gatanii akka uummanni reeffa isaa hin kaasne dhowwaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dargaggoon kun nama uummata keessatti jaallatamummaa qabu, maatii isaa akkaan gargaaree jiraachisu ta’uu fi badii tokko malee sababuma Oromummaa isaaf rasaasa itti roobsuun kan ajjeesanii gatan ta’uus itti dabaluun addeessaniiru.

