• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baalee Lixaa Aanaalee adda addaatti saamichi humnoota waraanaa kan murni garboomfataan PP qindeesseen jiraattota irratti jabaachuun dhagaa’ame 

Dec 11, 2024

ONM-ABO Muddee 9, 2024 

Jibba Waraana Bilisummaa Oromoof qabu agarsiisuuf murni garboomfataan PP, akkaataa ittiin waraana Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo addaan  fageessan guyyuu bocanii gadi baasuun uummata hiraarsuu cimsanii itti fufaniiru. 

Bifuma kanaanis godinaalee Oromiyaa hundaatti sochii Waraanni Bilisummaa Oromoo taasisuun humnoota waraanaa impaayerattii irratti haleellaa geggeessuun du’aa fi madoon adabuun injifannoo galmeessutti baaraaganii kan jiran murni gabroomfataan PP maqaa sochiileen WBO godinaalee Baalee lamaanitti mul’achaa jira kan jedhuun akkaataa ittiin maqaa WBO xureessan qabatanii saamicha hawaasa irratti jabeessuun himameera.

Sochiilee waraanichaatti danqaa uumuuf ajandaa dabaa qabatanii guyyuu gadi kan bahan murnoonni faashistii PP sochiilee isaanii hamoo jabeessanii itti fufuun, waraana isaanii rifeensa namtolcheen faayanii godina Baalee Lixaa  bulchiinsota magaalaa fi aanaalee godinichaa kan akka Sinaanaa, Gaasaraa,  Agarfaa fi kanneen birootti ajaja murna PP’n saamichi jiraattota irratti jabaachuun beekameera.

Loltoonni Bilxiginnaa hojiilee hamminaa taasisaa jiran kunneenis maqaa namoota gosaan addaan qooduu, lola amantii kaasuu fi kanneen biroo hojjechuun daba irratti xiyyeeffatanii uummata miidhaa jiru jechuunis jiraattonni godinaalee Baalee ONM dubbise yaada isaanii nuuf qoodaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading