• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti hidhaa fi gubaatiin manneenii loltoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatu cimee itti fufe

Dec 11, 2024

ONM-ABO Muddee 11, 2024 

Milishoonni fi poolisoonni sirnichaa maqaa caasaa gandaa ijaaruu jedhuun godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa gandoota baadiyyaa bakkeewwan adda addaa qabatanii jiran guyyuu qe’ee uummata Oromootti bobba’uun hawaasa nagaa hiraarsuu akkuma itti fufanitti jira.

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa bakka addaa Tiiphatoo jedhamu irraa Muddee 10, 2024 loltoonni dhala namaaf naasuu tokkollee hin qabne namoota nagaa kanneen maqaan isaanii:

  1. Amaanu’eel Waggaarii,
  2. Misgaanuu Sarbeessaa,
  3. Dinquu Abarraa,
  4. Dastaa Abarraa,
  5. Takilee Beekumaa,
  6. Biqiltuu Geetaachoo,
  7. Aadde Asteer haadha daa’ima tokkoo,
  8. Aadde Baaccuu haadha daa’ima shanii,
  9. Gammee Habtaamuu fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee qe’ee isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees Obbo Solomoon Torbanii nama jedhamu ammoo “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun haadha warraa isaa Aadde Asteeriin hidhanii, mana jireenyaa isaas ibidda itti shiduun qabeenya hunda waliin barbadeessanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading