ONM-ABO Muddee 9, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa sababa tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun hawaasa nagaa sobaan yakkanii reebuu, saamuu, ajjeesuu, hidhuu fi qe’ee irraa buqqisuu amaleeffachuun dararaa hamaa raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.
Aanaa Waamaa Hagaloo ganda Baataa Waamaa jedhamu keessaa dargaggoo maqaan isaa Miidhagsaa Tashoomaa jedhamu Muddee 6, 2024 magaalaa Naqamtee keessaa qabuun gara bakka dhaloota isaa aanaa Waamaa Hagaloo ganda Baataa Waamaatti geessanii haala suukkaneessaa ta’een badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, guyyaadhuma kana ganda kana keessaa obboleessa isaa ammoo dargaggoo maqaan isaa Baacaa Tashoomaa jedhamu reebicha hamaa irraan gahuun maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun yakkanii waajjira poolisii aanichaatti darbachuun garmalee dararaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan himan.
Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen garee siyaasaa tokkollee kan hin hordofnee fi hojii dhuunfaa isaanii irraa kan qabaman ta’uu addeessu.


