• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti hidhattoonni Amaaraa hawaasa Oromoo irratti ajjeechaa raawwatan

Dec 11, 2024

ONM-ABO Muddee 10, 2024 

Finxaaleeyyiin Amaaraa godinaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti duula duguuggaa sanyii raawwatan ittuma fufuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruutti ajjeechaa suukkanneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwatanii jiraachuun himamee jira.

Gara jabeeyyiin ilmaan namootaaf gara laafina tokko illee hin qabne finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhuun of waaman Muddee 8, 2024 aanaa Amuruu  ganda Waallii jedhamu irraa nama maqaan isaa Malkaamuu Dassee jedhamu haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, yeroo adda addaatti finxaaleeyyiin Amaaraa hanga funyaaniitti hidhachuun aanicha keessaa ilmaan Oromoo irratti gochoota suukkaneessoo tilmaama hin qabne raawwachaa kan jiran ta’uu fi yeroo ammaa kanas naannoo Amaaraa irraa gara naannoo Oromiyaatti baay’inaan seenuun dararaa geggeessaniin hawaasni Oromoo aanaa Amuruu keessa jiru rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading