ONM-ABO Muddee 10, 2024
Waraanni faashistii PP waqtiilee qonnaan bultoonni ooyiruu isaaniitti bobba’uun midhaan isaanii facaafatanitti adamsanii hidhuu, ajjeesuu fi manneen gubuu akkuma geggeessaa turan, yeroo ammaa kana immoo midhaan bilchaataa ooyiruu irraa guuruun bakka tokkotti walitti qabuun ibidda itti shiduun jalaa gubuun haalaan jabaatee itti fufee jira.
Godina Kaaba Shaggar aanaa Warra jaarsoo ganda Luugoo jedhamutti midhaan qonnaan bultootaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftu jedhuun jalaa gubuu jabeessanii kan jiran yoo ta’u, Obbo Aadarree Tulluu nama jedhamu jalaa ooyiruu irratti ibidda itti shidanii gubuu jiraattonni ONM’tti himan.
Kana malees murni Bilxiginnaa osoo uummanni Rakkoo hiyyummaa keessaa of baasuuf ifaajjii taasisaa jiruu danqaa sabichatti fiduuf halkanii fi guyyaa gochoota qorqalbii sabichaatti bu’u raawwachuun, uummanni Oromoo siyaasa, dinagdee fi hawaasummaan kufaa akka ta’uuf yakkoonni namoomaas daran geggeeffamuun jabaateera.
Tibba kana uummanni Kaaba Shaggar aanaalee adda addaa haleellaa diroonii, dhukaasa meeshaalee gurguddaan deggerame madfii, Taankii fi ZU-23’n qe’ee fi qabeenyaan isaa gubachaa jiraachuu isiniif gabaasaa akkuma turre, har’as hanga gabaasni kun qindaayetti qabeenyaan lammiilee qulqulluu jumlaan gubachuu fi namoonni nagaanis loltoota raayyaa ittisa impaayerattii kanneen lafoo sochii taasisaniin ajjeefamaa fi meeshaalee gurguddaanis dhumaatiin raawwachaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.



