ONM-ABO Muddee 12, 2024
Godinaalee Oromiyaa mara keessatti waraanni akka feeteen kabajaa fi jaalala ilma namaaf hin qabne jiraattota nagaa irratti ajjeechaa, saamicha, hidhaa fi gubaatii manneenii raawwachaa kan jiran yoo ta’u, gara handhuura Oromiyaa Finfinneetti hojiilee dabaa taasisan babaldhisuun miidhaa jajjaboo jiraattota irraan ga’uu cimsanii itti fufaniiru.
Bifuma kanaanis hawaasa Oromoo Oromiyaa kutaalee adda addaa irraa kanneen rakkoo nageenyaa dheessanii hojiilee humnaa irratti hirmaachuuf imalan, kanneen waajjiraalee sirnichaa keessaa hojjetanii fi barnoota barachuuf deeman hundumaa jumlaan bakka hojiilee isaaniitti waraanni bulchiinsa magaalichaa keessa jiran poolisoota waliin ta’uun, kutaa fi lagaan qooduun qabanii hojiilee loojistii hojjechaa jirtu maqaa jedhuun ukkamsanii hidhuu fi mooraa leenjiittis ergaa jiraachuu ONM’tti himaniiru.
Kana malees manneen jiraattotaa maqaa miidhagina magaalotaa jedhuun beenyaa tokko malee irratti diigaa jiraachuun kan ibsame ogguu ta’u, maatiin ilmaan isaanii waliin daandii gubbaatti rakkachaa akka jiranis itti dabaluun eeraniiru.

