• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martiitti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota saamuu cimsanii itti fufan

Dec 13, 2024

ONM-ABO Muddee 13, 2024 

Lukkeeleen garaa isaanii qofa guuttachuuf jiraatan loltoonni Abiy Ahimed yeroo ammaa bifa adda ta’een qe’ee uummata Oromootti akkuma fedhan bobba’uun saamicha hamaa raawwachuu irratti argamu.

Aanaa Martii bakkeewwan adda addaatti waraanni faashistii Abiy Ahimed hawaasa nagaa saamuu jabeessanii ittuma fufuun, jiraattota ganda Dambaqaa Iftuun akkuma WBO gargaartan nuunis nu gargaaraa jechuun afaan qawwee itti qabuun nama tokko irraa qarshii dhibba shan (500) saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Ergamtoonni PP kunneen saamicha isaanii kana ittuma hammeessuun, aanichuma ganda Dambaqaa Garjallee jedhamu keessaa ammoo maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun nama tokko irraa dirqamaan qarshii kuma torba (7,000) saamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun himan.

Yeroo ammaa kanas akkuma guutuu Oromiyaatti kufaatii dinagdee hamaa impaayerattii mudatee jiru wabeefachuun jaleewwan Bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran saamicha dangaa darbe irratti bobba’anii kan jiran ta’uun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading