ONM-ABO Muddee 13, 2024
Faashistoonni murni Bilxiginnaa dantaa isaanii qofa eeggachuuf ummata nagaan qe’ee isaa irra jiraatu maqaalee garaa garaa itti maxxansuun guyyuu lubbuu ilmaan Oromoo akka baalaa harcaasuun, hidhuu, saamuu, afaan qawween ukkamsanii dirree waraanaatti guuruu fi manneen uummata nagaa gubanii barbadeessuun jiruuf jireenya Oromoota maraa balleessaa jiraachuun kan beekamuudha.
Gochoonni badii murna nama nyaataa kanaan uummata nagaa irratti raawwatu bakkeewwan addaa addaa keessatti daran jabaachuun hawaasichaaf yaaddoo hamaa ta’ee jiraachuu jiraattoonni dubbatu.
Mudde 12, 2024 aanaa Buunnoo Beddellee ganda Boolee keessatti sababa tokko malee tiksitoonni impaayerattii manneen namoota nagaa 7 kan maqaan adda nuuf hin ba’in ibidda itti shiduun qabeenya keessa jiru waliin gubanii barbadeessuu maddeen keenya Onichaa ONM’f eeranii jiru.
