ONM-ABO Muddee 13, 2024
Mootummaan gabroomfataan impaayerattii ergamtoota isaa hunda bobbaasuun hawaasa nagaa roga isaaf mijate maraan humnaan afaan qawwee itti qabee abbaa irrummaa isaa ifatti labsuun yeroo adda addaatti miidhaa ulfaataa geessisaa kan jiran yoo ta’u, godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuutti loltoota sirnichaan saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Torban darbe keessa aanaa Daarimuu ganda Effarsii keessatti kaabinoonni yeroo ammaa kanatti mootummaan ramadamanii jiran waantota adda addaa dawoo taasifachuun qabeenya uummataa irratti saamicha geggeessuun, uummata gandichaa irraa dirqamaan boqqolloo ykn midhaan callaa ardaba 800 gara maallaqaatti hoggaa shallagamu qarshii kuma jaatamii afur (64000) guurrachuun, qonnaan bulaa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne irraa saamuun beelaaf saaxilaa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Aanicha guutummaa keessatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun uummata irraa qarshii hedduu saamaa kan jiran lukkeeleen bilxiginnaa ganda Jaarsoo jedhamuun beekamu keessaas gatii gibiraa humnaan olii jiraattotatti fe’uun hanga qarshii 5,000’tti qonnaan bultoota waan nyaatanii bulan hin qabne irraa guuraa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.


