ONM-ABO Muddee 13, 2024
Kaabinoonni Bilxiginnaa maqaa seeraa dahoo godhachuun hawaasa nagaa miidhaa oolan faayidaa dhuunfaa isaanii argannaan yakkoota garaa garaa kan raawwatan yoo ta’u, yeroo ammoo qilee bu’uu dinagdee impaayerattii hordofuun hanna cimaatti bobba’uun maallaqa gargar qooddannaa irratti wal dhabuun walsaaxilaa jiru.
Magaalaa Jimmaa waajjiraalee adda addaa keessatti rakkoon malaammaltummaa daran cimee itti fufuun Kaabinoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofa yaadaa oolan hawaasa doorsisuu fi yakkoota adda addaa hojjechuuf qarshii hedduu matta’aa nyaataa kan jiran yoo ta’u, walii isaaniitii wal saaxilanii miidhaa ulfaataa wal irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Torbee darbe keessa Kaabinoonni Bilxiginnaa magaalichaa matta’aa wal nyaachisuu dhabuu isaanii irraan kan ka’e gidduu isaaniitti jeequmsa uumameen walii isaaniin wal saaxiluun miseensaa hanga kantiibaa magaalichaatti maqaa ”malaammaltummaa hojjettan” jedhuun wal himachuun wal hiisisuu fi aangoo irraa wal buusaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.


