• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaalee hedduu keessatti jaleewwan Bilxiginnaa jiraattota saamuu fi hidhuu cimsanii itti fufan

Dec 13, 2024

ONM-ABO Muddee 13, 2024 

Goleewwan Oromiyaa mara keessatti cunqursaan lammiilee nagaa irratti guyyuun ergamtoota sirnichaan raawwatu hammaachuu irraa kan ka’e, hawaasni ba’ee galuuf iyyuu yaaddoo hamaa keessa kan jiru ta’uun ibsamee jira.

Aanaa Qondaalaa ganda Gemii Gaabbaa keessaa Muddee 10, 2024 loltoonni qabeenya uummata Oromoo saamuun of jireessan loltoonni PP nama maqaan isaa Hajii Eliyaas jedhamu jalaa qotiyyoo 2 qalatanii nyaachuu jiraattonni ganda Gemii Gaabbaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Godinuma kana aanaa Yuubdoo magaalaa Yuubdoo ganda 02 keessaa ammoo Muddee 10, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Gammachuu Daggafaa fi
  2. Mahaammad kanneen jedhaman ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee bakka hojii isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun himan.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu himuun, Gammachuun hojjetaa mana rifeensaa yoo ta’u, Mahaammad ammoo ogeessa fayyaa ta’uu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading