• Fri. Mar 13th, 2026

Jiraattotni Aanaa Harxummaa Fursee irraa Dawwee Harawaatti galuun jiraachaa turan marsaa 2’ffaaf bulchitoota sirnichaan saamamuu, reebamuu fi qe’ee irraa buqqifamuun cimee itti fufe

Dec 14, 2024

ONM-ABO Muddee 13, 2024 

Bulchitoonni murna Bilxiginnaa aangoo of harkaa qabanitti dhimma ba’uun kan hawaasa nagaa hidhaa, ajjeesaa, saamaa, qe’ee irraa buqqisaa fi reebichaan doorsisaa jiraniin cinaatti, jiraattota waggoota baay’eedhaaf nagaan waliin jiraachaa turan kutaa fi lagaan gargar qoodanii wal irratti  duulchisuu itti fufaniiru.

Godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti bulchaan ganda Dirree maqaan isaa Obbo Sayid Usmaan jedhamu jiraattota aanaa Harxummaa Fursee irraa gara aanaa Dawwee Harawaatti galanii waggoota 2’f aanicha keessa jiraachaa turan Sadaasa 28, 2024 irraa eegaluun hawaasa naannichaa irratti kakaasee warreen aanota biraa irraa dhufan kun nurraa haa ka’an jedhaa xiqqaa fi guddaan osoo hin hafne ba’aatii balaleffadhaa jedhee dirqiin hawaasicha irratti baasee jiraattota danuu buqqisiisee jiraachuu ONM isiniif gabaasuun ni yaadatama.

Yeroo ammaas bulchaan ganda Dirree kun gochaa badii isaa kana itti fufuun, Muddee 9, 2024 jiraattota aanaa Harxummaa Fursee irraa dhufanii ganda Manduubootti galanii jiran keessaa nama maqaan isaa Obbo Heeydar Umar Alii jedhamu kan cilee dha’uun ofii fi maatii isaa jiraachisu iddoo inni cilee ardaba 22 dha’ee magaalaa baafachuuf walitti qabatee jirutti bulchaan gandichaa kun fudhatee konkolaataatti fe’achuun mana isaatti galfateeras jedhan.

Obbo Heeydar abbaa maatii kan ta’ee fi yeroo ammaa dafqa isaa ji’oota hedduu saamameen cinaatti bulchaa gandaa kanaan reebamee qe’ee irraa maatii isaa waliin ari’amee kan jiru ta’uu fi jiraattotni aanaa Harxummaa Fursee irraa aanichatti galan namoonni baay’inaan 10 ol ta’an qe’ee irraa buqqifamanii bosonatti baqatanii jiraachuu maddeen keenya nuuf eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading