• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baalee Lixaa fi Balee Bahaa keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo harka kennateef jechuun murni Bilxiginnaa hawaasa irraa maallaqa saamuu jabeessanii jiraachuun ibsame

Dec 15, 2024

ONM-ABO Muddee 15, 2024 

Murni Bilxiginnaa gantoota maqaa  WBO’n Bilxiginnaatti harka kennatan WBO karaa nagaan galaniif ummanni ba’uun simannaa taasisaa jira maqaa jedhuun godinaalee Baalee Lixaa fi Baalee Bahaatti tumsaa fi deggersi akka barbaachisu jiraattotatti himuun, dharaan uummata  qaala’iinsa jireenyaan dararamaa jiru irratti saamicha daangaa darbe irratti taasisaa akka jiran jiraattotni hadheeffachuun dubbatu. 

Bifuma kanaanis aanaalee godinoota kanneenii  aanaa Goobbaa, Gaasaraa, Agarfaa, Sinaanaa, Diinshoo, Gooroo, Haroo Duumaal (Barbaree) fi kanneen birootti abbootii qabeenyaa kanneen dukkaana qaban, abbootii konkolaataa qaban irraa kaasee hanga jiraattota harka qalleeyyiitti maallaqa irraa guuraa jiraachuun barameera.

Kana malees maqaa kaffaltii gibiraa, inshuraansii fayyaa fi deggersa ijaarsa Paartii Badhaadhinaa akkasumas nyaataa fi uffannaa milishootaa jedhuun maallaqni deggersaaf akka ooluuf daandii gubbaa dhaabbatanii jiraattota  irraa guyyoota gabaa harkaa guuraa jiraachuus maddeen ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading