ONM-ABO Muddee 14, 2024
Qonnaan bulaa Oromoo oomishtummaan dinagdee impaayerattii lafee dugdaa ta’uun utubee jiru, ergamtoonni murna bilxiginnaa ammoo goleewwan Oromiyaa cufa keessaa maqaa garaa garaa itti maxxansuun ajjeechaa suukkanneessaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Qorkee jedhamu keessaa Muddee 12, 2024 qonnaan bultoota maqaan isaanii Jamaal Ahimadii fi Caalaa Abbaa Nasruu jedhaman loltoonni sirnichaa badii tokko malee sobaan yakkanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Akka jiraattonni gandichaa himanitti, namoonni kunneen garee siyaasaa tokkollee kan hin hordofnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa hojjetanii kan jiraatan ta’uu himuun, lukkeeleen Bilxiginnaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkanii ajjeesanii gatuu dubbatu.


