ONM-ABO Muddee 15, 2024
Baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Bulee Caalaa jedhamu keessaa Muddee 12, 2024 waraanni maafiyaan PP maanguddoo maqaan isaanii Obbo Boshoo Waggaarii jedhaman badii tokko malee maqaa “ilma keessantu bosona jira” jedhuun ukkaamsuun hidhaatti yoo darbatan, ijoollee isaanii Dinqinash Boshoo fi Galaanee Boshoo kan jedhaman ammoo bilbila harkaa 2 jalaa saamanii deemuu maddeen ONM’tti himan.
Kana malees godinuma kana aanaa Guutoo Giddaatti ammoo tibba kana maqaa leenjii waraanaa jedhuun hawaasni ba’ee galuuf iyyuu rakkoo cimaa keessa kan jiru yoo ta’u, Muddee 12, 2024 ganda Eebbaa iddoo addaa Alamganaa jedhamu keessaa barsiisaa Wangeelaa Waldaa Guutuu Wangeelaa Alamganaa kan ta’e nama maqaan isaa Paaster Mulgeetaa Sanbatoo jedhamu ergamtoonni sirnichaa leenjii waraanaaf hoggaa ukkaamsan, hin deemu jechuun mormii agarsiisnaan hidhanii dararaa kan jiran ta’uu maddeen himan.
Akkasumas namni maqaan isaa Obbo Waaqwayyaa Guddinaa jedhamus haaluma walfakkaatuun leenjii waraanaa hin deemu jechuun hoggaa didu ergamtoonni sirnichaa ujummoo qawween gurra isaa baqaqsuun osooma dhiiguu yaala fayyaa tokko malee fuudhanii deemuu maddeen himan.
Lukkeeleen PP kunneen ganduma Eebbaa keessaa hawaasa meesha maleessa hiraarsuu ittuma fufuun, Muddee 12, 2024 Obbo Tashoomaa Olumaa namni jedhamu innis leenjii milishummaa hin deemu jechuun mana jireenyaa isaa cufatee maatii isaa waliin hoggaa baqatu loltoonni Bilxiginnaa toora halkanii mana isaa cabsanii seenuun qabeenya inni qabu tokko osoo hin hambisin hanga humni isaanii danda’u saamanii kan deeman ta’uu maddeen itti dabaluun ONM’f eeraniiru.


