• Sat. Jan 10th, 2026

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessuun Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti Bireenaa fi isnaayippera irraa hiike

Dec 15, 2024

ONM-ABO Muddee 14,2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti giddu galeessaa Oromiyaa keessatti fudhatu jabeessuun godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat Gandaa Gagoo Biitee iddoo addaa Dhoksaa, Kototaa, Leencaa fi Biitee jedhamtutti har’a Muddee 14, 2024 ganama barii barraaqa irraa eegaluun tarkaanfii laalessaa WBOn Birgeediin Murtoo Guutoo, Birgeediin Magarsaa Barii fi Risaa Laga Mogor irraa waraanni qindaa’uun waraana faashistii PP irratti fudhateen battalatti 70 irraa ajjeesee 82 madeessuun 10n jiraatti booji’ee jira.

Dugda diinaa irraa hiikee kan hidhata abdii fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii Jabduu fudhate kanaanis humna diinaa irraa bireena 4, isnaayippera 3, qawwee AKM 51, miila Dishqaa, boombii, rasaasota gosa adda addaa fi hidhannoo irraa hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof taasisee jira.

Murni faashistii Bilxiginnaa gantoota qabsoo fi saamtota maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon araara jedhee galchus diraamaa Bilxiginnaan qabsoo bilisummaa Oromoof dhabamsiisuuf hojjete WBOn gochaan fashaleessee qabsoo fi qabsaa’aa dhugaan dirree irraa diina waliin wal’aansoo qabaa jiraachuu agarsiisaa jira.

Tarkaanfii WBOn godina Lixa Shaggar keessatti har’a fudhate itti fufuun aanaa Meettaa Walqixxee keessatti diina du’aa fi madoon adabaa ooluu gabaasni zoonii giddu galeessaa irraa arganne ni addeessa.

Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa

injifannoon uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading