• Fri. Mar 13th, 2026

Kaaba Shaggar Aanaa Warra Jaarsoo keessatti murnoonni PP jiraattota hidhuu fi achi-buutee dhabamsiisuu cimsanii itti fufan

Dec 15, 2024

ONM-ABO Muddee 15, 2024 

Gadaa aangaa koloneel Abiy Ahimed achi butuuf kan dhama’an tiksitoonni impaayerattii dararaa ilmaan Oromoof bobbaafan yeroo irraa gara yerootti gochoota isaan quba hin qabne itti maxxansuun hiraarfama uummata irratti jabeessaa jiraachuu yeroo garaa garaa gabaasaa jiraachuun keenya kan yaadatamuudha.

Haa ta’u malee faashistoonni Bilxiginnaa gochoota dabaa saba irratti raawwachaa jiran kan laaffisan osoo hin taane irratti jabeessuun guyyuu dhiiga qulqulluu dhangalaasuu, ajjeesuu, saamuu, hidhuu, fi achi buutee dhamsiisaa jiraachuu odeessi jiraattota irraa nu dhaqqabaa jiru nii addeessa.

Muddee 13, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Qorgoogoo Luuxuu keessatti humnoonni badii Bilxiginnaa Kun dubartoota lama kan yeroof maqaan isaanii adda hin baane qabanii deemanii yeroo muraasa booda kan gadhiisan oggaa ta’u abbaa maatii 8  kan ta’e nama maqaan isaa Geetaachoo Katamaa jedhamu achi buutee dhabamsiisuun hanga ammaatti eessa akka inni jiru kan hin beekamne ta’u maddeen keenya ONM’f eeran.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading