• Wed. Jan 14th, 2026

Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Raamaafoosaan gita isaanii Jarmanii keessummeessan

Dec 15, 2024

ONM-ABO Muddee 14, 2024 

Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan Jimaata kaleessaa gita isaanii Jarmanii Firaank-Waaltar magaalaa guddoo Piritooriyaa keessatti keessummeessuun hariiroo tarsiimoo cimsuu dabalatee dhimmoota walfayyadan hedduu irratti mari’ataniiru.

Daawwannaan kun waggaa 30ffaa dimokiraasii Afrikaa Kibbaa fi kufaatii dallaa Barliin waggaa 35ffaa kan yaadatamu ta’uu ibsi pirezidaantii Afrikaa Kibbaa baase ni mul’isa.

Hoggantoonni lamaan dhimmoota adda addaa ta’an irratti mari’achuuf carraa kan argatan yoo ta’u, kanaanis hariiroo tarsiimoo isaanii cimsuu fi walta’iinsa walitti dhiyeenyaa biyyoota lamaanii akka guddisu ibseera.

Jilli daldalaa hojii gaggeessitoota olaanoo dhaabbilee Jarmanii adda addaa 10 of keessaa qabu waliin kan jiran yoo ta’u, Jimaata booda gabatee geengoo daldalaa irratti ni hirmaatu.

Akkasumas Piritooriyaatti paarkii Bilisummaatti faaya kaa’uun Sanbata dhufu biyya ollaa Lesotoo daawwachuun gara Afrikaa Kibbaatti balalii gara Jarmanitti taasisuuf deebi’a.

Pirezidaantichi Afrikaan Kibbaa Jarmanii waliin ”hariiroo baayyee guddaa fi adda addaa” qabdi jedheera.

“Jarman michoota tarsiimoo Afrikaa Kibbaa barbaachisoo ta’an keessaa tokko yoo taatu, gabaa al-ergii Afrikaa Kibbaa sadarkaa sadaffaa, madda turistoota biyya alaa sadarkaa sadaffaa, akkasumas invastara guddaa fi michuu misoomaa taateetti,” jedheera jechuun BBCn gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading