• Fri. Mar 13th, 2026

Waraanni faashistii PP Godina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguuddaa keessatti  uummata dararuu itti fufan

Dec 15, 2024

ONM-ABO Muddee 14, 2024

Godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa ganda Galma, Qajimaa fi Sorooroo Malkaa Jawwee ykn Taabboo keessatti Muddee 12, 2024’tti saamtotni Abiy Ahimed maqaa waraanaan bobbaase manneen dhugaatii keessatti wantoota gurguraman biiraa, haraqee, bookaa fi nyaata saamuun uummata irraanis miidhaa qaqqabsiisan. 

Ergamtootni teessoo Abiy Ahimed tiksuuf bobba’an saamicha raawwataniin machaawuun ganda Qajimaa Haroo Booraa keessatti dubartoota 8 gudeeduun barameera.

Akka hawaasni gandichaa tokko tokko jedhanitti dubartoota gudeedaman keessaa 2 deessuu ta’uu  himuun,  dubartiin biraa “Bundee Onnee ”  jedhamtu erga deessee kaatee bultii 27 ta’uu Arraata Biyyolessa Oromiyaatti himan.

Waraanni maafiyaan PP kan kabajaa fi safuu namummaa hin beekne kun dubartii maqaan ishii Aadde Shokoraa Hoxxeessaa jedhamtus, deessuu  ji’a 3 kan taate erga dhuganii macha’aniin booda, abbaa manaatiin naaf hayyami jechuun abbaan manaa yeroo mormu dirqisiisuun fedhiin foonii isaa irratti raawwachuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading