ONM-ABO Muddee 16, 2024
Waraanni faashistii Abiy Ahimed goleewwan Oromiyaa hundaa keessatti gochaa hammeenyaa malee gaarii ummataaf kan hin yaanne, maqaa deggartoota WBO’ti jedhuun jiraattota hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, qorannoo fi heyyama mana murtii malee kan fedhan ajjeesuu, qabuun hidhuu fi hiraarfama gurguddaa taasisuu cimsanii itti fufanii jiru.
Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Maqdallaa keessatti Muddee 14, 2024 shamarree ganna 15 maqaan ishee nageenya isheetiif jecha akka eeramu hin feene waraanni goolessaan Bilxiginnaa gochoota safuu uummataa cabsu gudeeddii irratti taasisuun himameera.
Shamarreen gudeedamte kunis iyyitee hawaasa dammaqsinaan seelii WBO’ti jechuun maqaa dharaanis qabanii kan hidhan ogguu ta’u, yeroo ammaas bulchiinsa magaalaa Maqiitti haala rakkisaa keessa jiraachuun ibsameera.


