ONM-ABO Muddee 16, 2024
Aanaa Sibuu Siree ganda Dichoo Abbaa Garmaamaa jedhamu keessaa Muddee 11, 2024 loltoonni Abiy Ahimed “Qeerroo Bilisummaa Oromooti” jechuun, namoota maqaan isaanii; Habtaamuu Biraanuu fi Qaabataa Kitilaa jedhaman loon 10 jalaa saamanii, maatii isaanii ammoo qabanii deemuun halkan tokko guutuu reebicha hamaa irraan gahaa bulanii du’aa fi jireenya gidduutti hambisanii gadi lakkisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Godinuma kana aanaa Waamaa Hagaloo magaalaa Qassoo ganda 01 fi ganda Goossanii Baabboo keessaa ammoo Muddee 12, 2024 ergamtoonni tarsiimoon hojii harkaa bade dirqamaan uummata baasuun bosona cirsiisaa turuu maddeen eeran.
Oduu biraatiin ammoo Muddee 13, 2024 aanaa Jimmaa Arjoo ganda Abootee jedhamtu keessatti abbaa warraa fi haadha warraa kanneen maqaan isaanii, Obbo Asmaaree Guddisaa fi Aadde Dasii Mangistuu haadha daa’ima 2 kan taate, qabanii yoo hidhuun, yeroo ammaa ijoolleen isaanii rakkina jabaaf saaxalamii jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru.
