• Thu. Jan 8th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti hidhaan loltoota Abiy Ahimediin jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufe

Dec 16, 2024

ONM-ABO Muddee 16, 2024 

Goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa haala duraan barameen olitti sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun hidhaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiraachuun ni beekama.

Loltoonni naamusa waraanummaa hin qabne kunneen aanaa Cawwaaqaa ganda Daabanaa bakka addaa Googoo jedhamu irraa badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun Muddee 12, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Ahimad Sayid,
  2. Mahaammad Huseen,
  3. Abdii Jihaadoo,
  4. Yaasin Adamee fi
  5. Ibsaa kanneen jedhaman ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Jiraattonni kunneen badii tokko kan hin qabnee fi siyaasa tokkollee kan hin hordofne yoo ta’an, maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading