• Sat. Mar 14th, 2026

Sudaan Kaaba Daarfuur keessatti haleellaa dirooniitiin namoonni nagaa 20 ajjeefaman

Dec 16, 2024

ONM-ABO Muddee 16, 2024 

Dhiha Sudaan keessatti haleellaa dirooniitiin yoo xiqqaate namoonni nagaa 20 yoo du’an, 20 ammoo madaa’uu gareen aktivistoota biyya keessaa Dilbata kaleessaa ibseera.

Haleellaan kun Dilbata galgala magaalaa guddoo bulchiinsa Kaaba Daarfuur giddugala El Fasher naannoo Awlad Al-Reef irratti kan xiyyeeffate ta’uu koreewwan qindoomina diddaa gareen humna dafee qaqqabaa (RSF) haleellaa kana duuba jira jechuun himate.

Gama kaaniin waldhabdee waraana Sudaan fi RSF gidduutti uumameen maatiin 1,070 naannoo Kaaba Daarfuur keessatti qe’ee isaanii irraa buqqa’uu Dhaabbanni Godaantota Addunyaa (IOM) beeksiseera.

El Fasher Caamsaa 10 irraa eegalee waraana Sudaan fi RSF gidduutti walitti bu’iinsa hamaa kan argite yoo ta’u, magaalattiin UN fi dhaabbileen gargaarsa idil-addunyaa akka wiirtuu hojii namoomaa naannoo Daarfuritti itti fayyadamaa jiru.

Sudaan Ebla bara 2023 irraa eegalee lola waraana Sudaan fi RSF gidduutti taasifamaa tureen manca’aa turte.

Lola kanaan lubbuun namoota kuma 20 ol darbuu fi namoonni miliyoona 14 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaanii tilmaama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi aangawoota naannoo irraa argame ni mul’isa jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading