ONM-ABO Muddee 17, 2024
Ajaja Koloneel Abiy Ahimediin itti kenname hordofuun ergamtoonni isaa goleewwan Oromiyaa cufa keessaa lammiilee nagaa irratti saamichaa fi hidhaa daangaa darbe raawwachuu kan durii caalaa jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Sirba Looyyaa jedhamu keessaa loltoonni sirnichaa Muddee 13, 2024 ilma keetu bosona jira jechuun nama maqaan isaa Tamasgeen Baqqalaa jedhamu loon mooraa tokko guutuu fi qabeenya mana keessaa hundas jalaa saamuun, mucaa isaa Biyyaansaa Tamasgeen jedhamu ammoo bakka inni hojii hojjetuu qabanii deemuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen saamicha isaanii ittuma fufuun, guyyaadhuma kana aanichuma ganda Looyyaa Maloolee jedhamu keessaa ammoo jiraattota maqaan isaanii:
- Tashoomaa Nagaroo jalaa loon 30 fi
- Taayyee Guutamaa jalaa ammoo hameessa 7 waatii torba waliin saamanii deemuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Namoonni kunneen siyaasa kam irraa bilisa kan ta’anii fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf dararamaa kan jiran ta’uun ibsameera.
