ONM-ABO Muddee 17, 2024
Ergamtoonni kaayyoo fi akeeka hin qabne loltoonni Abiy Ahimed garaa isaanii qofa guuttachuuf jecha uummata Oromoo sobaan yakkuun miidhaa hangana hin jedhamne irraan gahaa kan jiran ta’uun ni beekama.
Muddee 13, 2024 aanaa Jimmaa Arjoo ganda Abootee Dhidheessaa keessaa sababa “obboleessa keessantu bosona jira” jedhuun obboleeyyan lama kanneen maqaan isaanii:
- Tamasgeen Cheeruu fi
- Jininaar Cheeruu jedhaman mana hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Oduu saamichaan ammoo aanuma kana ganda Saqaa iddoo addaa Inbaatuu jedhamu keessaa guyyuma kana namoota maqaan isaanii:
- Badhaasaa Moosisaa jalaa loon 2,
- Waaqumaa Miidhagsaa jalaa 1 akkasumas,
- Fiqaaduu Akkomaa jalaas loon 1 saamanii deemuu maddeen himan.
Kana malees godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaarii jedhamu keessaa Muddee 13, 2024 loltoonni sirnichaa badii tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Iyyaasuu Tashoomaa fi
- Galmeessaa Ittafaa jedhaman badii tokko malee hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM’f eeraniiru.

