ONM-ABO Muddee 18, 2024
Loltoonni Bilxiginnaa sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun hidhaatti guuraa, yoo fedhan ammoo mana hidhaatii baasuun achi buutee dhabamsiisuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Eebbaa keessaa Muddee 15, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Aadde Dungujee Dhufeeraa,
- Dirribaa Eebbaa,
- Yoonaas Abiraam barataa kutaa 7’ffaa,
- Buzee Qixxaataa fi kanneen biroo hedduu ta’an ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees godinuma kana bulchiinsa magaalaa Naqamtee waajjira poolisii magaalichaa adda addaa kessatti sabboontonni ilmaan Oromoo hidhamanii dararamaa turan kanneen lakkoofsaan 240 ta’an Muddee 15, 2024 mana hidhaatii baafamuun konkolaataa deddeebisaa uummataa shanitti fe’amuun eessa akka geeffaman kan hin baramne ta’uu maatiin hidhamtoota kanneenii dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Oduu biraatiin ammoo Muddee 16, 2024 aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Daalattii jedhamtu keessatti Obbo Siraaj Shifarraa nama jedhamu jalaa atara ardaba 2 fi nuugii ardaba 2 akkasumas qabeenya mana guutuu waliin ibiddaan gubanii yoo barbadeessan Obbo Bijiree kan jedhamu jalaa ammoo midhaanii fi atara ardaba 3 ati deggeraa ABO-WBO’ti ittiin jechuun jalaa saamanii deemuu maddeen keenya onichaa ONM’f eeran.

