ONM-ABO Muddee 17, 2024
Baalee Lixaa fi Baalee Bahaatti qaamoleen Mootummaa garboomfataa sirna moofaa utubuuf bifa garaa garaan ifaajan jiraattota irratti saamichaa fi sarbamiinsa mirgoota namoomaa raawwachuu cimsanii itti fufaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti aanaaleen godinaalee kanneenii keessatti gandoota irraa qarshii 100,000 dirqamaan dhiyyeessuun WBO karaa nagaa harka kennateef deggersa taasisuu qabduun saamichaa fi hiraarfamuun jabaatee itti fufeera jechuun dubbatu.
Bifuma walfakkaatuun godinaalee lamaan kana keessatti uummata saamuun cimee itti fufuun kaffaltii qarshii gibiraa jechuun qarshii xiqqaa jedhamu 6000 irraa eegalee hanga 50,000’tti namoota irraa guuraa jiraachuun ibsameera
Kana malees ijaarsa piroojektiiwwan kanneen akka waajjiraalee Mootummaa fi ijaarsa daandii jechuun qarshii 14,000 abbootii qabeenyaa irraas dirqamaan saamaa akka jiran jiraattonni itti dabaluun ONM’f eeraniiru.

