• Sat. Mar 14th, 2026

Dhiha Sudaanitti Humnootni Dafee qaqqabaan dhukaasa banuun namoonni 10 ajjeefamuun, 20 madaa’an

Dec 20, 2024

ONM-ABO Muddee 19, 2024 

Dhiha Sudaan Kaaba Daarfuur magaalaa El Fasher keessatti dhukaasa meeshaa waraanaa humna dafee qaqqaba (RSF)n raawwatame jedhameen yoo xiqqaate namoonni nagaa 10 du’uu fi 20 madaa’uu aktivistoonni roobii kaleessaa gabaasan.

“Hospitaala Sa’uudii dabalatee naannoowwan hedduun El Fasher keessatti humnoota waraana garagaraatiin boombii meeshaa waraanaatiin rukutamaniiru.

Kunis namoonni nagaa 10 du’uun, 20 ammoo madaa’aniiru,” jedha gareen qindoomina koreewwan diddaa El Fasher 

El Fasher Caamsaa 10 irraa eegalee waraana Sudaan fi RSF gidduutti walitti bu’iinsa hamaa kan argite yoo ta’u, magaalattiin UN fi dhaabbileen gargaarsa idil-addunyaa akka wiirtuu hojii namoomaa naannoo Daarfuritti itti fayyadamaa jiru.

Haala kanaan walqabatee Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa (IOM) sababa dhukaasa dhiheenya kana raawwatameen maatiin 650 magaalaa Kabkabiyaa Kaaba Daarfuur irraa buqqa’uu isaanii beeksiseera.

Maatiin buqqa’an magaalattii keessaa fi guutuu bulchiinsa naannootti baqachuu isaanii ibseera jechuun BBC’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading